Lammiilee miiliyoona 13 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jira- Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa
Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Mootummaan guutuu Ityoophiyaatti Lammiilee miiliyoona 13 fi kuma dhibba 4 oliif deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Ittaanaan Komishinaraa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Aydiruus Hasan ibsan.
Deeggarsa mootummaan taasisu cinaatti dhaabbileen namoomaa idil addunyaa naannolee garaagaraaf deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan naannoo Affaar, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz fi naannolee birootti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi namoota midhaan irraa gaheef deeggarsa nyaataa, meeshaalee, qorichaa fi kanneen biroo taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Komishinichis deeggarsa kanneen dhaqabsiisuuf ogeeyyii bobbaasuunii fi giddugalawwan hundeessuun itti gaafatamummaa isaa ba’achaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoo Tigraayiif deeggarsi dhiyaatu qindoomina dhaabbiilee deeggarsaa Idil Adduunyaan dhaqabaa kan jiru ta’uu fi mootummaanis deeggarsicha qindeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.