Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miidhaman deebisanii ijaaruuf Baajanni dabalataa Birrii biiliyoonni 5 qophaa’e

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Lammiilee sababa waraanaa fi walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruuf Baajanni dabalataa Birrii biiliyoonni 5 qophaa’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen ibsan.
Baajanni Ministeera Maallaqaan qophaa’e Birriin Biiliyoonni 5 Mana Maree Ministeerootaaf dhiyaachuu kan ibsan obbo Ahimad Shiideen Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan akkuma ragga’een gara hojiitti kan galu ta’uu himaniiru.
Lammiilee kanneen deebisanii ijaaruuf Baajata ka’umsaa mootummaan ramadu dabalataan dhaabbilee deeggartoota Misoomaa fi Baankii Addunyaarraa maallaqni olaanaa kan eeggamu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin deebisanii ijaaruu kun mootummaan kan durfamu, kan qindaa’e, sagantaan kan hojiirra ooluu, itti gaafatamummaa fi furmaata waaraa fiduuf ta’uu obbo Ahimad Shiideen eeruu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.