Lammiilee magaalaa Qobbootti da’annaa keessaa jiraniif deeggarsi taasifame
Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC)- Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa lammiilee godina Walloo Kaabaa naannawichaarra buqqa’aanii magaalaa Qobbootti da’annaa keessaa jiraniif deeggarsa meeshaalee nyaata namoota kuma 12’f taasisuu beeksiseera.
Deeggarsichi daakuu qamadii, zayita nyaata, ashaboo nyaata fi ataraa taasisuu dhaabbatichi fuula miidiya hawaas isaan ibseera.
Akkasumas meeshaalee nyaata mana keessaatti fayyaduuf oolan taasiseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.