Lammiilee Ityoophiyaa naannoo baadiyyaa jiraataniif madda annissa ammayyaa fi Teeknooloojii waliin ga’uuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Amajjii 7,2013 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa naannoo baadiyyaa jiraataniif madda annissa ammayyaa fi Teeknooloojii waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dubbatan.
Lammiilee Ityoophiyaa naannoo baadiyyaa jiraatan % 80 keessaa harki caalu humna elektirikaa kan hin arganne ta’uu ibsaniiru.
Jiraattoota kanneeniif madda anniisaa ammayyaa fi teeknooloojii qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injiinar Silashiin ibsaniiru.
Giddugalli Babal’isa Misooma Iinarjii Baadiyyaa Ityoophiyaa naannoo baadiyaatti misooma madda anniisaa babal’isuuf hojjechaa turuu ibsameera.
Giddugalli Babal’isa Misooma Iinarjii Baadiyyaa Ityoophiyaa Gemoowwan fooyya’oo qoraan qusatan, Teeknooloojii Baayoo gaazii, Teeknooloojii Soolaarii, Haydiroo Paawoorii xixxiqaa fi Teeknooloojii Baayoo boba’aa irratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.