Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Ityoophiyaa hedduun fooyya’insi heera mootummaa fi afaanonni hojii federaalaa dabalataa jiraachuu akka deeggaraan qorannoon tokko ifoomse

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa hedduun fooyya’insi heera mootummaa fi afaanonni hojii federaalaa dabalataa jiraachuu akka deeggaraan qorannoon tokko ifoomse.

Qorannoon Afiroo Baaroo Meetir lammiilee Ityoophiyaa hedduun fooyya’insi heera mootummaa fi afaanonni hojii federaalaa dabalataa jiraachuu akka deeggaraan ifoomse.

Afiroo Baaroo Meetir bu’aa qorannoo isaa marsaa 8ffaa ifoomseera.

Bu’aan qorannichaa heerri mootummaa FDRi akka fooyya’u, afaan hojii federaalaa afaan Amaaraa dabalataan afaanonni biro akka dabalataman, dhimmoota barri aangoo muummee ministiraa akka daanga’u jedhu irratti akka walii galanii fi dhimmoota biro irratti akka walii hin galle qoranichi ifoomseera.

Bu’uuruma qoranichaan heerri mootummaa FDRI haala amma jiruun itti haafufu yookiin ammoo haafooyya’u  jedhurratti %68 fooyya’uu qaba kan jedhan si’a ta’u, %18 ammoo haaluma amma jiruun itti fufu qabaa kan jedhanidha. %11 ammoo haaraan bakka bu’uu qaba warren jedhan ta’u qorannichi ibseera.

Afaan hojii federaalaa haala amma jiruun itti fufu qabamoo dabalamuu qaba dhimma  jedhu irratti hirmaattoota qorannichaa keessaa %73 dabalamuu qaba dhimma jedhu irratti yoo waliii galan, %3 ammoo haala amma jiruun ittti fufu qaba si’a jedhan %24 ammoo mormaniiru.

Barri aangoo muummee ministiraa daanga’u qaba ilaalchisee yeroo filannoo lamaan daanga’uu qaba kan jedhurratti %68 kan deeggaran yoo ta’u, %23 ammoo yoo morman, %9 ammoo sagalee hin laatne.

Manni murtii heera mootummaa walaba ta’e haa hundeeffamu kan jedhurratti %55 kan deeggaran yoo ta’u, %25 mormaniiru, %21 ammoo yaada hin laatne.

Hirmaatonni qorannichaa heera mootummaa keyyata 39 hiree ofii ofiin murteeffachuu kan jedhu akka haqamu, Asxaa alaabaa Ityoophiyaa jiddu jiru akka ka’uu akkasumaas Finfinnee miseensumma federeshiniin bakka buusuu yaada jedhurratti hirmaattoonni qorannichaa hedduun mormaniiru. Namoonni xiqqoon garuu deeggaraniiru.

Qorannichi naannoolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa irratti kan taasisedha.

Akkasumaas qorannichi madaallii sayinsawaa fayyadamuun kutaa hawaasa hunda hirmaachisuun federaalizimii fi dhimmoota heera mootummarratti taasisuu himameera.

Afiroo Baaroo meetir Afrikaa irratti kan xiyyeeffate hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo walaba ta’ee dhaabbata hojjetudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.