Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Godina addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kabaati buqqa’aan deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoonni 1.5 akka barbaachisuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC)- Lammiilee Naannoo Amaaraa Godina addaa Saba Oromoo fi Shawaa kabaatii buqqa’aan deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoonni 1.5 akka barbaachisuu ibsameera.

Kanaafis koree olaanaan hundaa’ee hojii eegaluun isaa ni yaadatama.

Korichi lammiilee Godina addaa Saba Oromoo Shawaa kabaatti buqqa’aan deebisanii dhaabuurratti deeggarsa taasifamuu hordofee ibsa laateera.

Ibsichaan itti aanaa koree walitti qabaa fi komishinarri komishiniira ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Amaaraa obbo Zalaalaam Lijaaleem, ganni osoo hin seeniin lammiilee buqqa’aan gara qee’eesaaniitti deebisuuf Birrii biiliyoonni 1.5 akka barbaachisuu ibsameera.

Kanafis abbootiin qabeenyaa, dhaabbilen misoomaa, diyaaspooraan, lammiileen naannichaa ala jiran, dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaan deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeesaniiru.

Fatiyaa Awwaaltu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.