Lammiilee galii gadaanaa argataniif baajanni deeggarsaa Birrii Biiliyoona 300-400 ramadameera-MM Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)-Lammiilee galii gadaanaa argataniif baajanni deeggarsaa Birrii Biiliyoona 300-400 ramadamuu Minnistirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeesuuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi tarkaanfiilee gama mootummaan fudhatamaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniin qaala’iinsi jireenyaa sadarkaa addunyaatti qormaataa olaanaa ta’uu yaadachiisan.
Itiyoophiyaattis rakkoo kanaa tasgabbeesuufhojiilee bal’aan hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti qaala’iinsa jireenyaa furmaata waaraa kan ta’uu bal’inaan oomishuu ta’uu akeekuun kanaafis cichoominaan olaanaan damee qonnaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa lammiilee galii gadaanaa argatan dhiibaa qaala’iinsaf akka hinsaaxilamneef mootummaan baajata Birrii biiliyoona 300-400 deeggarsaa ramaduu kaasaniiru.
Baajanni deeggarsa kunneenis deeggarsa boba’aaf, seeftiineetii, zayiita nyaataaf, xaa’oof, qorichaaleef ramadamuu dubbataniiru.
Keessumaa Miindaa dabaluun walqabatees hanga ammaatti kan hojiirraa hinoolfamneef hojiin daataalee jiran qulqulleessuu gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.
Baajanni Birrii Biiliiyonaa 91 ramadamuu kaasanii kunis wayita hojiileen bu’uuraa xumuramanitti baatii Onkololessaa 2017 irraa eegalee akka hojiirraa oolu dubbataniiru.
Dabalataan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojiiilee maadidi qooduu dabalatee manneen harkaa qalleeyyiif ijaaruu fi suphuu hojjetaaman gumaacha taasisuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa qaala’iinsi hir’achaa jiraachuu akeekanii %17’tti gadi bu’uu ibsaniiru.
Qaala’iinsa sadarkaa kanarra jiru gara dijiitii qeenxetti gadi buusuun itti gaafatama mootummaa ta’uu fi hojiilee hojjetamaa jiran ammallee qaala’iinsi akka gadii hir’atu kan mul’aatuudha jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia