Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Sudaan jiraatan hiriira deeggarsa ba’an

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Sudaan jiraatan hiriira deeggarsa mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhate ba’aniiru.

Hiririchaas mata duree ‘birmadummaa fi tokkummaa biyya keenyaaf mootummaa cina ni dhaabbannaa’ jedhuun gaggeessaniiru.

Hirmaattoonni hiriiricha mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhatee deeggaruu fi dhiibbaa qaamolee dippiloomaasii alaatin taasifamuu mormaniiru.

Hiriiricharratti abbootiin amantaa, jaarsooliin biyyaa, dubartoonnii fi dargaggoonni hirmaachuu ibsameera.

Hiriiricharratti haasa kan taasisaan Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimroo, Ityoophiyaannoonni kunneen tokkummaa biyya isaaniif mootummaa isaanii cinaa dhaabbachuun hiriira gaggeessan dinqisifataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.