Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee buqqa’aniif deeggarsi uffaanaa Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa lammiilee buqqa’anii Bulchiinsa Godina Sablammii Waagimiraatti argamaniif deeggarsa uffannaalee Biirri miiliyoona 10tti tilmaamamanii taasise.

Ministeerichi uffannalee garaagaraa kuma 16 fi 124 Qajeelchaa Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaatti kenneera.

Manni hojii ministeerichaa Ityoophiyaa naannawaalee garaagaraatti sababa balaa uumamaa fi namtolcheen lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisaa turuu fi kunis cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Itti Gaafatamtuun Qajeelchaa Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Godinichaa Aadde Kaabaa Siisaay gama isaaniin, ministeerichi deeggarsa taasiseef galateeffatanii, lammiileen buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebi’anii hanga dandamatanitti deeggarsi mootummaa fi miti mootummaa cimee akka itti fufu gaafachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.