Lammiilee alaa dabalatee namoonni dhuunfaan hojiilee seeraan alaarratti bobba’an 70 to’ataman
Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Lammiilee biyyoota alaa garaagaraa dabalatee namoonni dhuunfaan hojiilee seeraan alaarratti bobba’an 70 to’atamuu Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksiiseera.
Lammiileen biyyoota alaa jireenya isaanii Ityoophiyaa taasiisuun daddabarsa Doolaara seeraan alaarratti bobba’an hordoffii cimaa taasiifameen to’atamuu ibsameera.
Shakkamtoonni kunneen Doolaara, Yuuroo fi maallaqoota biyyoota alaa gara biyyaa ergamaa ture karaa bakka buutoota isaaniin gara lakkoofsa herreegaa dhuunfaa isaanitti galii taasiisaa turuu isaanii dhaabbatichi ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.