Fana: At a Speed of Life!

Lallabni Gumii Bokkoo Eegalame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Harmuufaa Irraa Gara Gadaa Roobalee qaxxaamuruuf Lallabni Gumii Bokkoo eegalame.
 
Baalli Gujii Marsaa 75ffaa dabarsuuf guyyoonni muraasni kan hafan yoo ta’u, labsiin Gooroo Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti lallabameera.
 
Sirni baalli walharkaa fudhu osoo hingaggeefamin haadureewwan barbaachisaan gaggeeffamaa kan jiran yoo ta’u, sirnootaa gaggeeffaman keessaa seera waggoota 8’f tajaajilu lallaabudha.
 
Guyyaa har’aas Gumiin Bokkoo lallaba Wayyooma Waaqa, Wayyooma Lafaa fi Wayyooma Qaalluu lallabameera.
 
Hawwii Fiqaaduutu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.