Fana: At a Speed of Life!

Lallaba Hayyuu Meedhichaaf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Gadaan Booranaa 72ffaan baalli fuudhuuf jiloota garaagaraa Godina Boorana Bahaa Aanaa Areerootti jilachaa jiruun dooriin damee Koonnituu hayyoota hayyumma meedhichaa argatan 17 lallabuuf qophii taasisaa jiraachuun ibsame.

Hayyoonni lallabaaf qophaa’an kunneen gooroo gadoomaatti sadarkaa gadaa dabretti galata fedhachaa turuun, torbaanoota sadan darbanitti kora meedhichaa taa’ameen ergaa argataniin booda qophii sirnichaaf galmoota lallabaa18 dongorataniiru.

Galmoota 18’tan lallabaa dongoraman keessaa tokko kan Adulaa Baalli Gadaa Damee Koonnituu yoo ta’u, qophii lallaba hayyootaa kanaaf Dooriin Damee Koonnituu sirnoota garaagaraa raawwachuun hanga guyyaa lallabaatti Ardaa Badhaasitti kan jilachaa turu ta’uun ibsameera.

Turtii jila tanaa keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachuun jila Obbaasaa Baannattoo galata Adulaa Fiixee fi Adulaa ilmaan Guyyoo Gobbaa dhufuun garbaaf meedhichalle ofii fi Booranaa baannatu jedhameera.

Sirni Baannattoo guyyoottan jilaa kana keessatti akka taasifamu ibsamuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.