Lakkuu qabxii walfakkataan Yuunvarsiitii Hawaasaarra eebbifaman
Lakkuu kunneen qabxii 3.59 fiduun badhaasa addaatiin eebbifamaniiru.
Kan dhalataniis magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoosittidha.
Eebbifamtoonni kunneen Ba’imnat Geetanee fi Ba’amlaak Geetanee jedhamu.
Yuunvarsiitiin Hawaasaa har’a barattoota kuma 6 fi 793 eebbisisee keessaa lakkuu lamaan eebbifamaniiru.
Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet waliin turtii kan taasisaan lakkuu kunneen, barattoonni keessayyuu dubartoonni abdii osoo hin kutatiin barnootasaaniirratti xiyyeeffannoo akka taasisaan ergaasanii dabarsaniiru.
Geetachoo Mul’ataatu gabase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.