Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota faalama bishaaniin dhibee garaa kaasaaf saaxilamaanii dabalaa dhufe – Waajjira Fayyaa Godina Booranaa

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Lakkoofsi namoota faalama bishaaniin dhibee garaa kaasaaf saaxilamaanii dabalaa dhufuu Waajjirri Eeggumsa Fayyaa Godina Booranaa beeksiise.

Hongee Godinichatti mudate hordofe uwwisnii bishaanii harka 53 ture gara harka 28.6tti gadi bu’uun hawaasnii rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluuf saaxilamuu Itti aanaa itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Booranaa obbo Moluu Diimaan ibsaniiru.

Hanqina bishaanii irraa kan ka’es saaxilamummaan bishaan faalamaa fayyadamu hawaasichaa dabaleera jedhan.

Kana hordoofes lakkoofsi namoota dhibee garaa kaasaa fi dhibeewwan wal qabataniif saaxilamanii daraan dabaluu ibsaniiru.

Yaaliin waldhaansa namoota dhukubichaaf saaxilamanii taasifamuus sababa hawaasni bakka bakkatti godaanuu baayyateen rakkinichi babal’achaa akka jiru eeraniiru.

Hawaasni bishaan waldhaaname akka fayyadamu gochuuf carraaqqin taasifamaa jira kan jedhan obbo Moluun, hanqinni dhiyeesi Keemikaalaas jiraachuu dubbattaniiru.

Rakkinichi mudachu hordofee Instiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaaf torbeen gabaasnii dhiyaachaa akka jiru ibsaniiru.

Dhiyeessiin Qorichootaa fi keemikaalootaa jiraatus ga’aa miti jedhan.

Hongeen haala amma jiruun yoo itti fufe lakkoofsi namoota dhibee garaa kaasaa fi wal qabatoo ta’anii dabaluu waan danda’uf dhiyeesiin qorichaa fi keemikaalaa xiyyeeffanaa barbaadas jedhaniru.

Muuluu Waaqshuumeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.