Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadanii daraan olaanaa ta’uu korichi beeksise

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Lakkoofsi lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadanii daraan olaanaa ta’uu Koreen Ittisa Balaa biyyaalessaa fi Qophummaa beeksise.

koreen Ittisa Balaa Biyyaalessaa fi Qophummaa dhiyeessaa fi uwwisa deeggarsa namoomaarratti mari’achuun kallattii kaa’eera.

Korichi walga’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii daraan olaanaa ta’uu gamaaggameera.

Lammiilee sababa hongeen, Balaa Lolaa fi walitti bu’iinsaan qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo addaa kan barbaachisu ta’uu eereera.

Naannoo Tigraay, Amaaraa, Afaarii fi iddoolee birootti lammiilee sababa waraanaan qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa dhiyeessuu fi waaraan deebisaanii dhaabuuf hojjetamuu akka qabu walitti qabaan korichaa fi Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin eeraniiru.

Lammiileen sababa walitti bu’iinsaa fi sababa hongeen rakkoof saaxilaman gargaaruun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Lammiilee kanneen deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee taasiifamu dabalataan deeggarsi xinsammuu kan isaan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbileen deeggartootaa fi tumsitoonni misoomaa lammiilee kanneen deebisanii dhaabuuf tumsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.