Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi haadholii ogeeyyii yaalaan deeggaramuun dahanii % 50 ga’eera – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Lakkoofsi haadholii ogeeyyii yaalaan deeggaramuun dahanii % 50 ga’uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Bu’aa argameef ga’een deessistootaa olaanaa ta’uu ibsameera.

Yaa’iin Waldaa Miidwaayifarootaa 29ffaan guyyoota lamaaf turu eegalameera.

Yaa’icharratti hojii raawwachiiftoonni Ministeera Fayyaa, dhaabbilee deeggartootaa fi waldichaa hirmaataa jiru.

Lakkoofsi haadholii ogeeyyii yaalaan deeggaramuun dahanii dabalaa dhufuu Daayreektarri Fayyaa Haadholii fi Daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam ibsaniiru.

Akka bara Faranjootaa 2016tti lakkoofsi haadholii deeggarsa ogeeyyii yaalan dahanii % 28 ture yeroo ammaa gara % 50tti ol guddachuu ibsan.

Waggaa 30n lakkoofsi haadholii sababa da’umsaan du’anii kuma 30 ture yeroo ammaa gara kuma 11tti gadi bu’eera jedhan.

Dhaabbileen fayyaa babal’aachaa dhufuun bu’aa argameef sababa ta’uus eeraniiru.

Ityoophiyaatti Kiliinikoonni kumni 17 fi Hospitaaloonni 400 jiraachuu eeraniiru.

Lakkoofsi Miidwaayifarootaa kuma 17 ga’uu Preezdaantiin Waldaa Miidwaayifarootaa Zannabaa Akaaleen ibsaniiru.

Yeroo ammaas giddugaleessaan haadholiin 30n guyyaan sababa da’umsaan lubbuun isaanii darbaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.