Lakkoofsi Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa seeran galmaa’anii hojjechaa jiranii kuma 5 fi 200 gahuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Lakkoofsi Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa seeran galmaa’anii hojjechaa jiranii kuma 5 fi 200 gahuu Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa beeksise.
Torbeen Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa 4ffaan Sadaasa 27 -29, 2017tti kabajama.
Abbaan Taayitichaa torbicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Jijjiirama biyyaalessaa hordofee hojiileen riifoormii hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Daayrektera Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa Faasikaa Mollaan ibsaniiru.
Carraa bal’aa uumameen hanga ammaatti Dhaabbileen Siiviilee Hawaasaa seeraan galmaa’aanii hojiirra jiran kuma 5 fi 200 ga’uu eeraniiru.
Torbeen dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa kabajamuun ammoo dhababileen kunneen hojiilee isaanii beeksisuurra darbee walitti hidhamiinsa cimaa akka uumaniif carraa kan uumu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia