Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi bilbilaa Ityoophiyaa keessa jiran dhibbeentaan 59.5 akka jecha hiccitiitti tajaajilu – Qorannoo

Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Tajaajilamtoonni Intarneetii Ityoophiyaa keessatti argaman dhibbeentaan 59.5 lakkoofsa bilbilaa akka jecha hiccitiitti (Password)kan fayyadaman ta’uu qorannoon ni mul’isa.

Tajaajilamtoonni kunneen lakka bilbilaa akka jecha hiccitiitti fayyadamuun isaanii akka ciminaatti kan ilaalaan ta’uu qorannoon ni agarsiisa.

Hanni saaybarii sadarkaa addunyaatti hammaachaa akka dhufe ibsameera.

Hubannoon nageeny saaybarii Ityoophiyaa gadi aanaa ta’uu qorannoon Ejansiin Odeeffannoon Nageenyaa gaggeesse ni mul’isa.

Ejansichi bara 2011 namoota dhuunfaa kuma 1 fi 635 irratti qorannoo malaallii nageenya saaybarii gaggeesseera.

Namoota qorannoon irratti taasiifame keessaa dhibbeentaan 59.5 lakkoofsa bilbilaa akka jecha hicciitiitti fayyadamuu isaanii akka cimanaatti kanneen fudhataniidha.

Dhibbeentaan 59.1 ammoo jecha hiccitii isaanii iddoo ifa ta’etti barreessuun kanneen kaa’aniidha jedha qoranichi.

Akka qorannichi agarsiisuutti dhibbeentaan 67.6 ammoo odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa irratti gadhiifamu hundi odeeffannoo dhugaadha jedhanii kanneen fudhataniidha.

Yaata’uutii nageenyi Saaybarii dhimma akka salphaatti ilaallamu akka hintaanee fi xiyyeeffannoo olaanaa kan barbaadu ta’u ragaan qorannoo Ejansii nageenya odeefannoon hojjetame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.