Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsa Tarbaayinnoota Hidha Guddicha Haaromsaa Anniisaa maddisiisanii 7ga’uuf hojjetama jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC) – Lakkoofsa Tarbaayinnoota Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Anniisaa maddisiisanii 7 ga’uuf hojjetama jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan ibsan.

Tarbaanoonni 2 bara 2014 anniisaa maddisiisuu kan eegalan yoo ta’uu, yeroo ammaa tarbaayinoonni 5 anniisaa maddisiisuu akka jalqabaniif hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injiinar Haabtaamuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Tarbaayinoonni kunneen wayita anniisaa maddisiisuu jalqaban hamma dhiyeessa Anniisaa Itiyoophiyaa kan guddisan ta’uu dubbataniiru.

Haa ta’u malee, haala teessummaa fi dhangala’iinsa bishaanii irraa kan ka’e dandeettiin humna maddisiisuu tarbaayinoota kanneenii hanga kana jechuun ibsuun kan hin danda’amne ta’uu kaasaniiru.

Tarbaayinoonni hidhichaa 13 wayita anniisaa maddisiisuu eegalan Humni Elektirikaa Meegaa Waatiin kumni 5 fi 150 gara kuusaa biyyaalessaatti kan galu ta’uu dubbataniiru.

Tokkoon tokkoo tarbaayinootaa meegaa Waatii 375 ni maddisiisuun eegama jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.