Lagnis rakkoonis kan Afrikaa ta’uu isaan furmaata Afrikaa barbaada – Ambaasaaddar Diinaa
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Dhimmi Marii Sadee hidha Haaromsaa bu’aa qabeessa kan ta’u Afrikaanoota qofaan ta’uu Dubbii Himaani Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.
Torbee kana hojiileen dippiloomaasii bu’aa qabeessa ta’an hedduun hojjetamuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin hojiilee torbee kana hojjetaman ilaalchisee ibsa laataniiru.
Lagni Abbayyaas rakkoon uumamees dhimma Afrikaanootaa ta’uu isaan furmaata Afrikaa qofa kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.
Kaampaalaatti ijaarsa Hidha Haaromsaaf Boondiin Birrii miiliyoona 1 walitti qabamuu ibsaniiru.
Torbe kana hojiileen dippiloomaasii garaagaraa hedduun hojjetamuu eeraniiru.
Jilli Ityoophiyaa ergaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala waqtaawaa biyyattii ilaalchisee biyyoota garaagaraaf ergan qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Jilli kun hojiilee dippiloomaasii adda addaa hedduu hojjechuu kaasaniiru.
Hariiroo Ityoophiyaan Gamtaa Awurooppaa waliin qabdurratti marii taasiisuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Sarbama mirga namoomaa qaqqabe jedhame qaamni walaba ta’e akka qoratu Ityoophiyaa murannoo qabaachuu Gamtaa Awurooppaaf ibsamuu himaniiru.
Hojiilee Dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate hojjetameen lammiileen 939 Arabiyaarraa, 41 ammoo Oomaanii gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.
Zabiib Taklaayiitu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.