Fana: At a Speed of Life!

Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun harka qalleeyyiif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun harka qalleeyyiif 648f deeggarsi taasifameera.
Bulchinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti harka qalleeyyii 648f deeggarsi miidhaan nyaata fi zaytaa taasifameera.
 
Deeggarsicha kan taasisaan Dhaabbata Bilees Agroo Fuud laabraatoorii PLC fi bulchinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiiti.
 
Dhaabbatichi kanaan duras hojiiwwan taajajila lammummaan hojiilee misoomaa garaagaraa hojjechaa turuu hoji gaggeessaan dhaabbaticha obbo Girmaa Maammoon dubbataniiru.
 
Kaantibaan Bulchinsaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii aadde Haabib Siraaj,dhaabbaticha galateefataniiru.
 
Gammachuu Beekumatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.