Fana: At a Speed of Life!

Lafti hektaarri miiliyoona 1.84 boqqooloon uwwifameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Inisheetivii misooma Boqqolloon lafti hektaarri miiliyoona 1.84 ta’u boqoolloon uwwisuun akka danda’ame Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo oromiyaa Shimallis Abdiisan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, mootummaan jijjiiramaa, imala badhaadhinaa qabame milkeessuu keessatti, murteessummaa cehumsa qonnaa hubachuun irratti hojjechaa jira.

Galmoota gurguddoo afur sektarichi akka milkeessu adda bahan keessaa inni duraa wabii nyaata ta’uu kaasanii, milkaa’ina galma kanaatiif, gosoota midhaan akka qamadii fi boqqoolloo inisheetivii keessa galchee haala addaatiin irratti hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Bara omisha 2016/17’tti Qonna Gannaatiin, inisheetivii misooma Boqqolloo, lafa hektaara miiliyoona 1.78 irratti kilaastaraan misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiruun, lafa hektaara miiliyoona 1.84 ta’u boqqooloon uwwisuun danda’amuu himan.

Hojiilee inisheetiviin raawwatamaa jiraniin, hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti tarkaanfachuun badhaadhina sadarkaa maatiitti dhugoomsuuf imalli eegalame abdachiisaa akka ta’e ka ragaa bahu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.