Lafa Magaalomsuu: Ergama Maraammartoo Seenaa Kufaatii Cabsuu
1. Seensa
Magaalomsuun imala cehumsaa gama tokkoon dinagdee, gama biraan hawaasaa irra deebi’ee bocudha. Oromiyaa keessatti ergamni magaalomsuu lafaa ittifufiinsa qabu qoruumsa bulchiinsa badaa seenaafi gahumsa dhabuu karooraa irraa maddeen maraammartoo kufaatii keessa tureera.
Mootummaan Jijjiiramaa, seenessa kana jijjiirun lafa magaalaa dandamatoo, hammatoofi mijatoo mootora dinagdeefi misooma waliigalaa ta’e ijaaruuf hammatoo imaammataa baasee sochiitti galeera. Bu’uuruma kanaan, hoggansaafi caasaa sadarkaan jiru biratti hubannoon walfakkaatu akka umamu, galmoota adeemsa magaalomsuu lamaan— lafaafi nama keessaa kutaa kanaan, adeemsa maraamartoo kufaatii lafa magaalomsuun keessa tureefi hammatoo imaammataa furmaataf dhiyaate kan ilaallu ta’a.
2. Imala Seenaafi Barnoota Irraa Fudhatamu
Seenaan magaalomsuu naannoo keenyaa, adeemsa qeenxee lafa magaalomsuu namni itti dagatame ture. Adeemsi qeenxee lafa yaadatee nama dagatee ture kun, imalli lafas ta’ee nama magaalomsuu akka hinmilkoofne taasiseera. Kunis, rakkoolee akka xaxamiinsa (complexities) hawaasummaafi siyaas-dinagdee, hirmaachisummaa hawaasaa, waldhabdee abbummaa qabiyyee lafaafi kkf umee ture. Akkasumas, adeemsa loogii hawaasa gidduutti tarkaanfachiisen gama tokkoon madaallii dhabuu hawaas-dinagdee yoohammeessu, gama birootin jiraattoota ganamaa (indigenous people) gaaga’eera; citiinsa walitti hidhamuu baadiyyaa-magaalaa umera; babaldhifannaa daangaa karoora hinqabneefi dhiibbaa sirna naannaawaa (ecosystems) fideera. Qormaatileen kunniin, barbaachisummaa cehumsa yaadamaa gara moodeela magaalomsuu hammatootti (lafaafi nama) taasifamu qabu kan jala sararuudha. Innis imala magaalomsuu haaraa, jiruufi jireenya namaa fooyyessu, guddina dinagdee milkeessufi dandamannaa naannawaa jabeessufi walumaagalatti misooma magaalaa ittifufiinsa qabu dhugoomsudha.
3. Sumsummaan Sadan Lafa Magaalomsuu
Lafa magaalomsuun milkaa’ina dhimmoota sadii irratti hirkata. Isaanis, walsimannaa naannawa ijaarsi irra qubate (built environment) gidduutti umamu, karoorafi bulchiinsa ittifayyadama lafaa qulqullina qabu, akkasumas hariiroo madaalawaa namaafi naannawa isaa gidduu jiru.
3.1. Tokko: Naannawa Ijaarsi Irra Qubate (Built Environment)
Naannawa magaalaa ijaarsi irra qubate (built environment) adda durummaan bu’uuraalee misoomaa ijaarsa nafoo (physical structures) jiraattotaa, tajaajilaa, daldalaafi aara-galfiitin (leisure) kan ibsamudha. Caasaalee nafoo naannawa qubsuma ijaarsa magaalaa tokkoo gidduutti, sirni walitti hidhamiinsa walsimaa (synergy) sochii (traffic ) sirna geejjibaa, magaalaafi baadiyyaa, akkasumas wiirtuulee tajaajilaa umamuu qaba. Akkaataa kanaan yemmuu ilaalamu, naannawi ijaarsaa magaalota keenyaa kan hinqindoofnefi walsakaaluudhaan ibsamani.
3.2. Lama: Karoorafi Bulchiinsa Ittifayyadama Lafaa
Kufaatin karoorafi bulchiinsa ittifayyadama lafaa, ibsama magaalota Afrikaati. Magaalonni naannoo keenyas rakkoo kanaan caalatti kan raafamanidha. Guddina lakkoofsa ummataa waliin yemmuu madaalamu, haalli magaalonni keenya itti lafa fayyadama jiran, itti fufiinsa kan qabaatu miti. Adeemsi magaalomsuu babaldhifannaa daangaa magaalaa (urban sprawl), saamichi lafa omishaa/qonnaafi lafa banaa akkaataa amma jiruun itti fufnaan, guddina magaalaa itti fufiinsa qabu dhugoomsuu hindandeenyu.
Karoorri magaalota keenyaa, haala qabatamaa naannawaa, kanniin akka teessuma lafaa, qabeenya umamaafi namtolchee, aadaa, “geopolitics”fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa, akkasumas yaaddoo balaawwan adda addaa qindeessuun yaada keessa galche hinturre. Kunis, qulqullina jireenyaa, cehumsa hawaasummaafi dinagdee irratti sakaallaa hamaa ta’uun itti fufeera. Karoorrifi itti fayyadamni bulchiinsa lafaa bu’aa qabeessi, pilaanii ifa ta’eefi qulqullina qabu, ittifayyadama lafaa haala teessuma nannawichaa hubate, duursummaa nagaa naannawaa akkasumas humnoota duubee socho’iinsa hawaas-dinagdee yaada keessa galchuu gaafata. Akkasumas, waldhabdee lafaa seenaa irraa dhaalaman karaa iftoomina qabuufi haqa qabeessummaa isaa eegen hiikuu barbaada.
Hanqinaaleen adeemsa magaalomsuu keenya kana qofarratti kan dhaabbatan miti. Karoorrifi misoomni magaalaa Oromiyaa kurnee sadan darban muldhate, jechama beekamaa “Magaalaan Karoorfame Hiyyeessa Moggaatti Baasuu Qaba” (The Planned City Sweeps the Poor Away…) jedhuufi hiyyeessa hiraarsu kan hordofe ture. Adeemsichi hiyyeessa moggaatti kan dhiibu qofa osoo hintaane, qotee bulaa kuma dhibbootan lakkaa’amu kan buqqiseefi hawaasa akka gosaatti lafarraa kan balleesse ture. Magaalomsuun ture, miidhaa hawaasa saaxilamoo irratti kan bu’uurawe ta’uun isaa naamusa karoora magaalaa haqa qabeessummaa ittifayyadama qabeenya magaalaafi ittigaafatamummaa hoggansa magaalaa gaaffii keessa galcheera.
3.3. Sadi: Hariiroo Walsimoo Namaafi Naannawaa Isaa
Qaroominni kamuu hariiroo ilma namaafi naannawa isaa gidduu jiru jeeqee, nageenya naannawaa gaaffii keessa galchee kan mirkanaa’u ta’uu hinqabu. Adeemsi seenaa magaalomsuu keenyaa garuu faallaa kana agarsiisa. Keessumaa babaldhina magaalomsuu warraaqsa indaastiroomsuu hordofee dhufe booda rakkoon kuufama balfaa, faalama qilleensaafi mancaatii naannawaa yarachaa deemera.
Magaalonni teessuma umamaa, ijaarsaalee jajjaboo akka konkiriitifii aspaaltitiin waan bakka buusaniif, sirna ikoo-magaalaa irratti dhiibbaa fiduun isaanii beekamaadha. Ittifayyadama anniisafi gadi lakkisa gaasiwwaniitinis miidhaa guddaa kan umanidha. Baay’ina ummata magaalotaa dabalaa dhufe waliin walqabatee to’annaa balfa jajjaboofi dhangala’oo irrattis qaawwi baldhaan kan argamudha. Hanqinaleen kunniin magaalota keenyatti ammoo caalatti hammaatu.
Imalli magaalomsuu haaraa Oromiyaa, hanqinoota kanniin maqsuun qulqullina jireenyaa dabaluufi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa xiqqeessuu dhimma ijoo taasisuu qaba. Galma kana milkeessuuf diizaayinii magaalaa lafa magariisa jajjabeessufi michummaa naannawaa eegu (eco-friendly) jajjabeessun, hubannoo waloo keenya ta’uu qaba.
4. Qormaatilee Tarsiima’aa Har’a Jiran
Hudhaalee gurguddoon imala magaalomsuu naannoo keenyaa, caasaa dinagdee rufaafi hanqina beekumsa magaalaa hoggansa bira jiru. Hanqinnifi boodatti hafummaa hamaan gama bu’uuraalee misoomaa, dhabamsiisa balfaa, karoorafi ittifayyadama lafaafi nageenya naannawaatin jirus bu’aa kanniiniti. Inumaayyuu invastimantiin babaldhina bu’uuraalee misoomaa keenya, lakkoofsa jiraataa magaalaa dabalaa jiruun kan walsimee miti. Itti fayyadamni lafaa keenyas kan sirnoomee miti; akkasumas qulqullinni magaalota keenyaa hinmirkanoofne. Hanguma jiraattonni magaalota keenyaa ariitiin dabalaa deemanis, rakkooleen ariitiin danfuu irratti argamu. Sadarkaa rakkoolen kunniin irra jiran sirnaan hubachuuf haala bu’uuraalee ijoo, dhabamsiisa balfaafi mana jireenya haasakattaanu.
4.1. Hanqina Bu’uuraalee misoomaa
Magaalonni keenya bu’uuraalee misoomaa ijoo akka daandii, geejjiba, anniisaa, bishaan dhugaatifi Teknoolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO)’tiin hanqina guddaa qabu.
Daandiifi geejjiba: Magaalonni naannoo keenyaa, babaldhina bu’uuraalee kanniinitiin magaalota gurguddoo biyya keenyaa boodatti argamu. Hanqinni gama kanaan muldhatu tinfama tiraafikaa (traffic congestion) hammaataa, addaan citiinsa magaalaafi baadiyyaa akkasumas hirkattummaa mala geejjibaa al-idilee hordofsiisee jira. Kanarraa kan ka’e rakkoo qaqqabummaa gabaa, harkifannaa oomishtummaafi mi’aa gatii hamaan walmiilteesseera.
Anniisa: rakkoon dhiyeessii anniisaa danqa guddina magaalota keenyaa jalqabaa kaasee jira. Hanqinni dhiyeessii amansiisafi addaan citiinsi anniisaa dhaabbilee tajaajilaa, daldalaafi manufaakchariingii muudate, gahumsa omisha indastiriiwwanii, kenniinsa tajaajilaafi jireenya hawaasa magaalotaa irratti dhiibbaa hamaas geessisaa jira.
Bishaan Dhugaatii: qabeenya bishanitiin naannolee hedduu kan caallu ta’us, bulchiinsi bishaanii keenya rakkoo fuul-lamee keessa nugalcheera. Innis, waqtii roobaa, walitti ce’uuf kan rakkannu yoota’u, waqtii caamaa ammoo dhoobuu hamaaf saaxilamaa jirra.
Bu’uuraalee TQO: TQO’n dinagdee idil-addunyaafi tarsiimoo guddina biyyoolessaa biyyoota hedduu keessatti, dhimma hangafaa erga ta’ee bubbuleera. Magaalonni naannoo keenyaa, bu’uuraalee “TQO”, akka intarneetifi teknoolojii kominikeeshiniitin gadi aanodha. Kunis, carraa hojii dijitaalaa, yaa’insii waliigalaa, hordoffii nageenya jiraattotaa, dorgomummaa dhaabbileen keenya sirnaafi gabaa addunyaa keessatti qaban, qaqqabummaa barnoota qulqulluufi tajaajila si’ataa daangesseera.
4.2. Rakkoo Mana Jireenyaa
Adeemsa magaalomsuu keessatti manni jireenyaa qulqullina isaa eeggate dhimma ijoodha. Gama kanaan magaalota keenya biratti hanqina osoo hintaane Rakkootu hamaa (crisis) muldhata. Manneen qabnus, hedduun isaanii istaandaardii mana jireenyaa kan guutan miti. Dhiyeessii lafaafi ijaarsa manneen jireenyaa waliinii waggoota dhihoo as adeemsifameen, fooyya’iinsi muraasni muldhatus, fala bu’uuraa hinarganne.
Jiraattonni lakkoofsan xiqqaa hinjedhamne, walakkaa galii isaanii kiraa manaatif oolchuuf dirqamaa jiru. Kunis, qubsuma seeran alaa, weerara lafaafi haala jireenya mujujaa (slum) akka babaldhatu taasiseera. Al-seerummaa mana jireenyaa/weerara lafaatiin walqabatu, irra caalaa jiraattota galii gadi aanaa qaban biratti babaldhachuun isaa ka’uumsa walfakkatu kan qabudha.
4.3. Dhabamsiisa Balfaa
Adeemsi magaalomsa lafaa hunda dura, bu’uuraaleefi sirna dhabamsiisa balfaa qindaa’e,akkasumas yaadama qulqullinaa lafa qabate gaafata. Gama kanaanis, magaalonni keenya rakkoo hamaa keessa jiru. Tajaajila mana-qopheessaa magaalota keenyaa yoofudhanne, giddugaleessa magaalota naannolee hedduuti gadi jira. Uwwisni tajaajila to’annoofi dhabamsiisa balfaa %36.3 irratti argama. Magaalonni keenya, lafa balfi itti hinto’atamneefi boosummaan itti anga’ee ta’aniiru. Kanarraa kan ka’e, fayyaa hawaasarratti danqa umuu qofa osoo hintaane, galma qulqullina jireenya lammiilee fooyyessuuf kaa’ame, akkasumas dandeettii naannichi invastimantii hawwachuuf qabu gufachiisuutti jira.
5. Daandii Furmaataa
Imalli Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa, hudhaalee kanniin mala kalaqaawafi hammatoo hojiirra oolchun ariitiin furuu kaayyeffate.
5.1. Bu’uuraalee Misoomaa Babaldhisuu
Adeemsa magaalomsa lafaa keenya milkeessuf, bu’uuraalee daandii, geejjiba, bishaan dhugaatii babaldhisuufi ammayyeessu qabna. Uwwisaafi qulqullina daandilee keenyaa dabaluun walitti hudhamiinsa keessoo magaalaa, magaalaafi baadiyyaa dhugoomsuu qabna. Geejjiba ummataa babaldhisuun, dhaqqabummaa dabaluufi tinfama sochii tiraafikaa hirdhisuu qabna.
Dhiyeessii anniisatiin, babaldhinaafi kunuunsa bu’uuraalee anniisaa cinaatti, filannoo madda anniisaa haaromaa irratti daran hojjachuu nurraa eeggama. Dhiyeessii bishaan qulqulluutin invastimantii guddaan kan nurra eegamu ta’uun akkuma jirutti ta’ee, walumaagalatti adeemsa badaa bishaan itti bulchaa jirru hundeerraa jijjiirun fala yeroo dheeraa ta’uu qaba.
5.2. Sagantaa Ijaarsa Mana Jireenyaa Gatii Madaalawaa
Mana jireenyaa ilaalchisuun ittifayyadamaafi dhiyeessii lafaa fooyyeessuu, sagantaa ijaarsa manneen jireenyaa waliinii babaldhisuufi istaandaardii manneen jireenyaa fooyyessuutu nurraa eegama. Dabalataanis, sharikummaa sagantaa ijaarsa mana jireenyaa mootummaafi dhuunfaa jajjabeessuu barbaachisa.
5.2. Riifoormii To’annoo Balfaa
Hundaa’ol, gama tokkoon hubannoo eegumsa qulqullinaa babaldhisuun, gama biraatin sirna to’annoo balfaa walsime ijaaruu nubarbaachisa. Tattaaffiwwan qulqullina magaalaa galmoota waliigalaa naannawaa akka misooma kooridarii magaalotaa dhiwoo kana jalqabne waliin ariitiin walsimsiisu hangafummaan hojjechuu qabna.
5.3. Cehumsa Dijiitaalaa Dhugoomsuu
Misooma bu’uuraalee ‘TQO’ fooyya’oo babaldhisuudhan, sirna bulchiinsaa, dhaweessummaa (entrepreneurship), kenniinsa tajaajilaa utubuu qabna. Haala yaraa hawaasa keenya addunyaa dijitaalaa irraa moggeesse kana, babaldhina bu’uuraalee teknoolojii dijitaalaa tarsiima’aa akkasumas inisheetivoota akka “Digital Oromia”fi carraalee akka “Ethio Coders” gahumsaan fayyadamuun hambisuu dandeenya.
5.5. Karoorafi Ittifayyadama Lafaa Ammayyeessuu
Adeemsa kufaatii hanga ammaa ture cabsuun ittifayyadama lafaa bu’a qabeessa akkasumas karoora lafaa misooma itti fufiinsa qabu dhugoomsuu danda’u baasufi hojiirra oolchuf hoggansi tarsiima’aafi caasaan mootummaa sadarkaan jiru hubannoo baldhaafi murannoo addaatin socho’uu qaba.
Ittifayyadama lafaa irratti dhimmi murteessan karoora (plan). Hunda dura, karoorri qulqullina qabaachuu qaba. Qulqulinni karoora tokkoo dilbii jiru adda baasuufi qindeessee ilaaluu isaatin ibsama. Dhimmi biraa hirmaachisummaa ummataa mirkaneessuu yoota’u, keessattuu fayyaalessummaa hawaas-dinagdee hawaasa adeemsa magaalomsuutin midhamaniif duursa kennuudha. Dhumarratti, gama tokkoon pilaanii keenyaaf amanamuufi seerota ittifayyadama lafaa kabajuu akkasumas hojiirra oolmaa caasaa mootummaa gara gadi biratti qabu guddisuudha. Kana qixaan hojiirra oolchuuf, lafa baadiyyaas lafa magaalas guutumaan guututti kadaastara galchuun dhimma boruuf hinjedhamnedha.
5.6. Walsima Namaafi Naannawaa
Sirni Gadaa Oromoo ittifayyadama qabeenyaafi ittigaafatamummaa madaallin akka taasisnu nubarsiisa. Imaammanni magaalomsuu haaraan kunis, naannawa keenya kunuunsuufi bayyanachiisun dhaloota egereef akka darbu mirkaneessuu irratti kan hundaa’edha. Milkaa’ina galma kanaatif, fala dinagdee geengoo (recycling) fi magariisummaa qixa barbaadamuun dhimma itti bahuu qabna.
Dinagdee geengoo dhugoomsuu keessatti, qajeeltoowwan sadan–balfaafi faalama dhabamsiisuu, umama eeguufi bayyanachiisuu, akkasumas omishaalee irra deebin fayidaatti fiduu hojiitti hiikun kan ibsamu ta’a.
Gama magariisummaatin, sirna ijaarsaa haala teessuma magaalaa, paarkiiwwaniifi magariisummaa naannawaa haaromsu hordofuu qabna. Dabalataanis, sirna magaalaa bulchuu, ilaalcha lafa-ikoloojii hojiirra oolchuu diriirsun magaalota itti fufiinsa qaban diizayin gochuun barbaachisaadha. Akkuma pilaanii abuurraa isaa keessatti hammatame, dhimmi kun ijaarsa HAAROMEE qabnu hunda keessattis xiyyeeffannoo olaanaa argachuu kan qabuudha..
6. Waamicha Gochaa
Milkaa’inni magaalomsuu bifa kamuu tattaafii waloo gaafata. Hoggansi magaalaa sadarkaan jiru, beekumsa magaalomsuu horachuufi hojiirra oolmaa imaammata, tarsiimoofi karoora misooma magaalaa itti fufiinsa qabuf cichoominaan sochoonan milkaa’ina ajaa’ibsiisaa akka galmeessinu shakkii hinqabu. Abbootiin qabeenyaa keenya gama isaanitiin, piroojektoota babaldhina bu’uuraalee misoomaa ummataa jiran qabatamaan deeggaruun aantummaa keessan akka ibsitan jechuun barbaada. Hundaa’ol, hawaasni baldhaan, bu’uuraalee misoomaa waloo tiksuu, kunuunsufi walsima nannawaa jajjabeessuu cinaatti, misooma isaanii irratti hurmaachun milkaa’ina galmichaa akka deeggaru waamicha dhiyeessun barbaada.
7. Guduunfaa
Magaalomsuun magaalota ijaarudhaa oli; lafa namoonni itti misoomuu, dinagdeen itti dagaagu, umamni itti kabajamuu danda’an umudha. Adeemsa seenaa lafa magaalomsuu dursa lafaa kenneen hinmilkoofne. Lafa magaalomsuun invastimantii guddaa bu’uuraalee misoomaa, ittifayyadama lafaa bu’a qabeessafi hariiroo naannawa madaallii eege qabaachuu gaafata. Kufaatii darbe irraa barachuun— namaaf carraa guddinaa umuu, bu’uuraalee barbaachisoo guutuu, jireenyaf haala mijataa dhugoomsuu, walgitiinsafi hammattummaa mirkaneessuu, akkasumas michummaa naannawaa ittifufsiisuu— irratti imala jijjiiramaa fakkeenyummaa qabu mirkaneessuu dandeenya.
Yeroo ittaanu, dhimma ijoo magaalomsuu jalatti “nama magaalomsuu” kan ilaallu ta’a.