Fana: At a Speed of Life!

Lafa karee meetira kuma 3 irratti ijaarsi Paarkii Qiirqoos eegalame

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Birri miiliyoona 17’n lafa karee meetira kuma 3 irratti ijaarsi Paarkii Qiirqoos guyyaa har’aa eegaleera.

Ijaarsichas Walitti Qabaan Boordii Baankii Dabuub Giloobaal Dooktar Biqilaa Hurrisaa fi qondaaltonni hojii biroon eegalchiisaniiru.

Bakkichi Finfinnee Kutaa Magaalaa Qiirqoos Aanaa 04 Dhabbaata Qeeraawwanii fuulleetti kan argamu yoo ta’u Baankii Dabuub Giloobaaliin kan ijaaramu ta’uun eerameera.

Paarkichi ijaaramee wayita xumuramu, bakka bashannanaa ta’uun garasitti, bakka dubbisaa, tapha daa’immanii, tajaajilaa nyaata saffisaa, tajaajila qulqullina hawaasaa fi kanneen biroon carraa hojii akka uumuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.