Fana: At a Speed of Life!

Lafa hektaara miiliyoona 16 qofaatu misooma qonnaaf oolaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti lafa hektaara miiliyoona 74 qonnaan misoomuu danda’u keessaa hektaarri miiliyoonni 16 qofti misoomaa jiraachuun akeekame.

Asiidummaa biyyee wal’aanuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuurratti waltajjiin marii xiyyeeffate Magaalaa Boongaatti gaggeeffameera.

Maricharratti qorannoo dhiyaateen lafaa misoomaa qonnaaf oolaa jiru keessaa lafti hektaarri miiliyoonni 7 asiidummaa biyyeen miidhamuu eerameera.

Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Ummattootaa Kibba Lixaa Iytyoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaasha Wageeshoo, naannichaatti lafa hektaara miiliyoona 3.9 keessaa %21 asiidummaan miidhamuu dubbataniiru.

Asiidummaa biyyee wal’aanuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee lafti biyyattii hangana ga’u asiidummaan miidhamuun yaaddessaadha jedhan.

Gara furmaataatti ce’uun akka barbaachisu ibsanii, naannoleen dhimmicharratti xiyyeeffannaan akka hojjetan hubachiisaniiru.

Asiidummaa biyyee saffisaan wal’aanuuf maashinoota nooraa oomishan naannoleen akka qabaatan ni hojjetama jedhaniiru.

Fireewu Alamaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.