Fana: At a Speed of Life!

Lafa hektaara miiliyoona 10.5 irraa oomishni walitti qabame – MQ

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Lafa hektaara miiliyoona 10.5 irraa oomishni ga’e walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Lafa qonna Gannaan misoome hektaara miiliyoona 17.5 keessaa hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 10.5 irraa oomishni ga’e walitti qabamuu Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii ministeerichaa Obbo Kabbadaa Laaqaw Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Oomisha walitti qabame kanarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 114.2 argamuu kaasaniiru.

Xaafiin, Qamadii, Mishingaa, Garbuu fi Boqqoolloon oomisha heddumminaan walitti qabaman ta’uu eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.