Fana: At a Speed of Life!

Lafa hektaara miiliyoona 1.3 irratti Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf karoorfame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Lafa hektaara miiliyoona 1.3 olirratti Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf karoorfamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi raawwii hojii bara baajataa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.

Lafa hektaara miiliyoona 1.3 olirratti Qamadii Jallisii Boneen misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 52 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Ministir Deetaan Damee Qonnaa fi Hortiikaalcherii Dooktar Mallas Makonniin eeraniiru.

Fayyadama biyya keessaaf oomisha Qamadii kuntaalli miiliyoonni 97 kan barbaaddamu yoo ta’uu, oomishni Qonna Gannaa fi Jallisii Boneerraa argamu fedhii biyya keessaa irraa hafee gabaa alaaf dhiyeessuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Callaa oomishaa Qonna Gannaa bara 2014/15 eegamu waliiglaa kuntaala miiliyoona 400 keessaa, kuntaalli miiliyoonni 108 oomisha Qamadii ta’uu eeraniiru.

Milkeessaa Sabbooqatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.