Fana: At a Speed of Life!

Labsiin yeroo ariifachiisaa mana maree ministirootaan labsame baatiwwan jahan dhufaniif hojiirra oola – Dooktar Geediyoon Xiimootiiyoos

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Labsiin yeroo ariifachiisaa Mana Maree Ministirootaan labsame baatiwwan jahan dhufaniif hojiirra kan oolu ta’uu Minisirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiyoos ibsan.

Dooktar Geediyoon Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseen naannoo Amaaraatti labsii yeroo ariifachiisaa labse ilaalchisee ibsa laataniiru.

Naannoo Amaaraatti sochiin seeraan alaa taasiifamu sochii diinagdee fi hawaasummaa sadarkaa olaanaan danquu eeraniiru

Naannichatti sosochii seeraan alaa hidhannoon deeggaramee taasiifamaa jiru to’achuuf adeemsa seera kabachiisuu idileen rakkisaa ta’uu eeraniiru.

Sababa kanaan mootummaan naannichaa sirna seera kabachiisuu idileen haala jiru to’achuun rakkisaa ta’uu beeksisuu himaniiru.

Mootummaan Federaalaa hojii seera kabachiisuu barbaachisaa ta’e akka gaggeessuu gaaffii dhiyeessuu dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan nageenyaa fi tasgabbii ummata naannichaa eeguuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuun barbaachisaa ta’ee argamuu eeraniiru.

Labsichi labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 6/2015 jedhamee kan waamamu ta’uu ibsaniiru.

Labsiin yeroo ariifachiisaa kun bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ifatti kaa’amuu dubbataniiru.

Yaa ta’uutii sadarkaa biyyaattis haaloonni nageenya biyyaa balaarra buusaan yoo muul’atan naannawaa biyyattii kamittuu hojiitti hiikkamuu akka danda’u kaasaniiru.

Hojiirra oolmaa labsichaaf ajajni qajeelcha waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa hundaa’uu dubbataniiru.

Qajeelchi waliigalaa kun Daayrektara JeneraalaaTajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaan kan durfamu yoo ta’uu, itti waamamni ajajichaa Muummee Ministiraaf ta’uu himaniiru.

Caaseeffamni, gurmaa’insii fi miseensonni ajajichaa Muummee Ministiraan kan murtaa’u ta’uu labsichaan kaa’amuu kaasaniru.

Ajajni qajeelcha waliigalaa kun deengeffama yeroo labsuu, yeroo hin murtoofneef daandii tokko cufuu, malli geejjibaa dhaabbilee tajaajilaa akka cufamuu yookaa akka adda citu ajajuu aangoo qabaachuu himaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa barbaachisummaan labsichaa xumurameera jedhee wayita amane hojiirra oolmaan isaa baatii jaha dursee ka’uu akka danda’u dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.