Fana: At a Speed of Life!

Labsiin Yeroo Ariifachiisa naannoo Amaaraa diigamuurraa baraare – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaratti tarkaanfii humnoota finxaaleeyyii Faannoo Ofiin jedhurratti fudhatameen nageenyi waaraan mirkanaa’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Tarkaanfi Raayyaan Ittisaa fi Qaamoleen nageenyaa waloon fudhataniin garichirra kisaaraa guddaan ga’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluuni ibsa haala yeroo ilaalchisee kennaniin himaniiru.

Yeroo ammaa sadarkaa yaaddoo nageenyaa hin taane irra ga’uu Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa gamaggama taasiiseen mirkaneessuu ibsaniiru.

Namoonni finxaaleyyii kanneen waliin hidhata qaban kumni 320 ol to’annoo jala ooluu himaniiru.

Kanneen keessaa namoonni hubannoo malee 1051 qoratamuun gara maatiitti makamuu kaasaaniru.

Kana keessaa namoonni 931 leenjii haaromsaa fudhachaa jiraachuu fi 317 ammoo dhimmi isaanii qoramaa jiraachuu dubbataniiru.

Namoonni 304 yakkaan kan gaafataman ta’uu qulqullaa’uu dubbataniiru.

Koreen Qorannoo Labsii yeroo ariifachiisaa haala jiru itti dhiyeenyaan qorachaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannoon Amaaraa sadarkaa diiggamuurra ga’ee ture yeroo ammaa gara nageenya waaraatti ce’uu kaasaniiru.

Naannichatti hoggansi ga’umsa qabuu fi gurmaa’insa cimaa qabu gurmeeffamu kaasaniiru.

Hoggantoonni sadarkaa naannoo hanga gadiitti jiran leenjii haaromsaa fudhachuu ibsaniiru.

Humnoonni Finxaaleyyii naannoo Amaaraa keessa socho’u yeroo ammaa abdii kutachuun iddoolee tokko tokkotti hojii tajaajila geejjibaa gufachiisuu fi hawaasa jeequrratti bobba’uu ibsaniiru.

Gareen saamtootaa kun gaaffii bu’uuraa ummata Amaaraa deebisuuf karoora kan hin qabaanne garee ololaa ta’uu eeraniiru.

Ololli sobaa tamsaasaa ture yeroo ammaa ifatti mul’achuun ummataan adda isa baasuu kaasaniiru.

Gareen kun siyaasa bu’uura qabu Ummata naannichaa fayyadu kan hin qabne yaada dhukkubsataa qabatee kan socho’u ta’uu kaasaniiru.

Hojiin garee kana qulqulleessuu ammas cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Ibsi Komishiniin mirga namoomaa naannoo Amaaraa ilaalchisee baase dhugaarraa kan fagaatee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.