Fana: At a Speed of Life!

Labsiin waliigaltee liqii pirojektoota bishaan dhugaatii xumuruuf dandeessisu ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 33ffaa gaggeesseen labsii waliigaltee liqii pirojektoota bishaan dhugaatii xumuruuf dandeessisan raggaasiseera.

Manni marichaa walga’ii har’aan Itiyoophiyaa fi Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa gidduutti raawwii pirojektii dhiyeessii bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii magaalotaa 2ffaaf labsii waliigaltee liqii qorachuun raggaaseera.

Mana marichaatti Waamamaan Mootummaa Tasfaayee Beeljigeeb akka ibsanitti, waliigalteen liqii Waldaa Misooma Idil Addunyaarraa argamee Doolaarri miiliyoona 275 dhalarraa bilisa.

Waliigaltichis sagantichaan pirojektoota qabaman xumuruu fi hanqina baajataa mudatan guutuuf liqii dabalataa taasifame ta’uus kaasan.

Liqichi waggoottan sadan dhufaniif hojiirra kan ooluu fi jalqabbiirra kan jiru pirojektii bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii magaalotaa 2ffaa xumuruuf tumsa jedhameera.

Liqichi yeroo aara galfii waggoota 6 kan qabuu fi waggoota 38 keessatti kaffalamee xumurama jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.