Fana: At a Speed of Life!

Labsiin Taaksii Dabalata Qabeenyaa Ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeesseen labsii taaksii dabalata qabeenyaa raggaasiseera.

Labsichi qusannaa fi invastimantii jajjabeessuuf gahee olaanaa akka qabuu fi meeshaalee kaappitaalaa utuu hindabalatiin meeshalee tajaajilaarra kan kaa’ame ta’uun eerameera.

Diinagdee Itiyoophiyaa ammaa mul’atuun jijjiiramoota taasifaman, keessummaa bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii fi yaadamoota sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argatan, hammattooaa seeraa biyyattii keessa galfamuun taaksichi guddina diinagdeef tumsa barbaachisa akka taasisu kan kaayyeffateedha jedhameera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’atee sagalee guutuun raggaasisuun ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.