Fana: At a Speed of Life!

Labsiin Barnoota waliigala ragga’e

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 17ffaa gaggeesseen, labsii barnoota waliigalaa raggaasiseera.

Gabaasaa fi yaada murtoo Wixinee labsichaa kan dhiyeessan Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Misoomaa Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii Dooktar Nagarii leencoon, labsichi barnoota walqixxummaa fi haqa qabeessaan qaqqabamaa taasisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Akkasumas, labsichi qulqullinaa fi faayidaa barsiisotaa kan eegsisu, qulqullina barnootaa eegsisuu fi ga’umsa bulchiinsa barnootaa mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu eeran.

Dabalataan, ogummaan barsiisummaa akka kabajamuu fi adeemsa keessas eeyyama mirkaneessa ga’umsaa kennuuf gahee olaanaa qabaachuu himuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Labsichis, labsii lakkoofsa 1368/2017 ta’uun sagalee calmaan ragga’eera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.