Labsii Taaksii Galii Dabalataarratti fooyya’iinsi taasifame
Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Labsii Eksaayis Taaksii (Taaksii Galii Dabalataa) irratti fooyya’iinsi taasifamuu ibsame.
Labsiin Taaksii Galii Dabalataa 1186/2012 Guraandhala 5/2012 hojiirra kan oole yoo ta’u labsiin kun bu’uura taaksichaa babal’isuuniifi sirna bulchiinsa taaksichaa jijjiiruun faayidaa olaanaa argamsiisuu ibsameera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Yaa’iisaa Idilee 15ffaa Eebla 19, 2015 gaggeesseen fooyya’iinsota labsicharratti dhiyaatan ilaalcha keessa galchuun labsichi fooyya’uu eerameera.
Manni marichaa oomishaalee taaksiin galii dabalataa dachaan irra kaa’ame fooyyessuuf, tajaajila teeleekoominikeeshinii irratti taaksii galii dabalataa kaffalchiisuuf, oomishaalee tokko tokko taaksiin galii dabalataa irra kaa’amee ture akka irraa ka’uuf akkasumas fooyya’iinsa sababa bulchiinsaa taasifamaniifi sababoota ijoo biroo erga qorateen booda Lakk. Labsii Galii Dabalataa 1287/2015 akka ragga’u taasiseera.
Labsichi guyyaa ragga’e Eebla 19, 2015 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.