Fana: At a Speed of Life!

Labsii fi dambii itti fayyadama lafa baadiyyaa rakkoo ture furuu bira darbee oomishtummaa fooyyeessa-BLO

Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC) – Labsii fi dambiin itti fayyadama lafa baadiyyaa irra deebiin murteessuuf bahe rakkoo walxaxaa ture furuu bira darbee oomishtummaa qonnaan bultootaa fi hpriisee bultootaa kan fooyyeessu ta’uu Biiroon Lafa Oromiyaa ibse.

Biiroon Lafaa Oromiyaa, Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa waliin ta’uun labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa irra deebiin murteessuuf bahee fi dambii dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti leenjii hubannoo uumuu kennaa jira.

Waltajjicharratti Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Biyyaa Raayyaa, lafti lafee keenya waan ta’eef, sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun guddina diingdeefi hawaasummaa biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.

Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa fooyyeessuuf, labsii fi dambii irra deebiin bahee hojirra oolaa jiruun rakkoo walxaxaan ture furamuu fi dantaa mootummaaf ummataa kabachiisuu bira darbee, oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa fooyyeessuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu Obbo Biyyaan dubbataniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.