Fana: At a Speed of Life!

Labsii ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti qaawwi akka jiru ibsame

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Labsii ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti qaawwi akka jiru ibsame.

Itti gaafatamaan Prees Sakreetaariyaatii Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nigusuu Xilaahuun raawwii labsichaarratti qaawwi jiraachuu beeksisaniiru.

Ministeerri Fayyaa ogeeyyii miidiyaa fi koominikeeshinii naannolee fi magaalotarraa walitti baba’aniif Adaamaatti leenjii laatera.

Leenjichi sosochii hawaasaa fi qorannaarratti kan xiyyeeffatedha.

Boordiin qorataa labsii ariifachiisaa qorannaa fi daawwii gaggeessen hawaasa bira of dagannaan, raawwachiisuurrattis qaawwi akka jiru ibsaniiru.

Fayyaa hawaasaa ilaalcha keessa galchuudhan akkaataa labsichaatin tarkaanfin fudhatamuu akka qabu dhaaman.

Hubannaan jiru gaarii ta’us, of dagannaan yaaddessaadha jedhan obbo Nugusuun.

Daayreektarri koominikeeshinii ministeerichaa Dooktar Taganee Raggaasaan gama isaanitiin hubannaa fi of eeggannaa cimsuurratti miidiyaaleen ga’eesaanii ba’achuu akka qaban gaafataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.