Labsichi dhaabbileen ergama isaanii gahumsaa fi qulqullinaan akka raawwatan kan dandeessisudha-MMBBU
Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) –Labsiin Hojjettoota Mootummaa dhaabbileen ergama isaanii gahumsa,qulqullinaa fi bu’a qabeessummaan akka raawwatan kan dandeessisu ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti koreen dhaabbii Misooma Bobbii humna namaa fi Teeknooloojii ibse.
Manni Marichaa walgahii idilee 5ffaa bara hojii 4ffaa taa’een wixinee labsii hojjettoota mootummaa federaalaa fooyyessuuf dhiyaate qorachuun raggaasiseera.
Walitti qabaan koricha Dooktar Nagarii Leencoon, kaayyoo fi barbaachisummaa labsichaa ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.
Labsichi tajaajilamtootaaf tajaajila qulqulluu kennuuf, sirna hojmaataa si’ataa fi ammayyaa diriirsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Hojjetaan mootummaa guddina biyyaaf qooda olaanaa akka bahatuu fi miira dorgommii uumuuf kan kayyeeffate ta’uu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa beeksiseera.
Waajjiraaleen mootummaa ergama isaanii ga’umsa, qulqullinaa fi bu’a qabeessummaan akka raawwatan labsichi carraa gaarii akka uumuuf ta’uus kaasaniiru.