Fana: At a Speed of Life!

Labsichi bulchiinsa tajaajila fayyaa sadarkaa caalutti ceesisa-Dooktar Maqidas Dhaabaa

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Labsiin To’annoo Fi Bulchiinsa Tajaajila Fayyaa, bulchiinsa tajaajila fayyaa sadarkaa caalutti kan ceesisu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan ibsan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 13ffaa har’a gaggeesseen Labsii To’annoo fi Bulchiinsa Tajaajila Fayyaa raggaasiseera.

Labsichi ragga’uu ilaalchisuun Dooktar Maqidas ibsa kennaniin, labsichi dhaabbileen fayyaa haala Idil Addunyaa hubachuun tajaajila akka kennan kan taasisuu fi dhaqqabummaa isaa kan bal’isu ta’uu himan.

Sirnoonni tajaajila fayyaa haaraan akka diriirfaman kan eeyyamu, dhaabbilee fi ogeeyyiin, kenniinsa tajaajila fayyaa fi fayyaan walqabatanirratti to’annoo fi hordoffii akka jiraatu kan taasisu ta’uu dubataniiru.

Dabalataan lammiileen tajaajila ammayyaa’aa argachuuf gara biyyoota biraatti imaala taasisan kan hambisu ta’uu ibsaniiru.

Maartaa Geetachootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.