Fana: At a Speed of Life!

Laaloo Qileetti hojiin dhaabbii misoomaa Buna eegale

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti hojiin dhaabbii misoomaa Buna eegaleera.

Dhaabbii biqilaa kanarratti Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo geetu gammachuu, Bulchaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa dabalatee ogeeyyii qonnaa argamaniiru.

Aanichatti biqiltuun bunaa miiliyoona 35 dhaabbiif qopha’uun eerameera.

Aanaalee godinichaa 12 keessaa waggaa darbee biqiltuuwwan buna miliyoona 197 ol dhaabnera jedha.

Barana lafa heektaraa 63 oliirratti biqiltuu buna miliyoona 370 dhaabbuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Qellem Wallagga Obbo Gammachuun ibsaniiru.

Waggaatti godinicharraa Buna toonii 146 olii omishuun gabaa biyyaa keessaa fi alaaf dhiyyeessaa jiraacghuun ibsameera.

Oromiyatti barana biqilituu bunaa biliyoona 2.6 dhaabbii qophaa’uu Hogganaan Biiroo Oromiyaa Obbo Geetuun Gammachuun himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.