Fana: At a Speed of Life!

Laaligaa Ispeeniin taphni boru Riyaal Maadriid Baarseloonaa waliin taasiisu haalaan eegama

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Laaligaa Ispeeniin taphni ‘El-Classico”boru Riyaal Maadriid Baarseloonaa waliin taasiisu haalaan eegamaa jira.

Boru halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee Riyaal Maadrid taphataa isaa baay’ee murteessaa malee Baarseloonaa waliin ni morkata.

Beellama jabaa Looz-bilaankota warra Riyaal Maadriidii fi Biluugiraanota warra Baarseloonaaf qabameen Kariim Beenzeemaa taphataan sarara fuulduraa Riyaal Maadriid miidhama qaamaa isa mudateen akka hiriiruu hindandeenye ifoomeera.

Tapha ”El-Classico”Addunyaa kubbaa miilaan haalaan eegamu kanaan Riyaal Maadriidii fi Baarseloonaan yeroo 249’f wal-falmatu.

Kilaboota lamaan gidduu garaagarummaa qabxii 15’tu jira.

Tapha guyyaa boriin Riyaal Maadriid garaagarummaa jiru bal’isuun imala shaampiyoonummaa jabeeffachuuf,Baarseloonaan ammoo garaagarummicha dhiphisuuf beellama qabataniiru.

Taphataan sarara gidduu duraanii fi leenjisaan kilaba kubbaa miilaa Baarseloonaa yeroo ammaa Jaavii Hernaandeez umurii leenjisummaan yeroo jalqabaaf tapha ”El-Classico”dursuuf turtiin halkan tokkoo qofti hafeera.

Riyaal Maadriid qabxii 66 liigicha dursaa jira.

Baarseloonaan ammoo qabxii 51 sadarkaa 3ffaarratti argama.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.