Laabraatooriin ammayyaa lama eebbifaman
Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC) – Hospitaala Qidduus Phaawuloos Koolleejjii Meedikaalaa Barkumeetti Laabraatooriin ammayyaa lama eebbifamaniiru.
Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaatti Maashinni Koobaas kuma 8800,Hospitaala Qidduus Phaawuloos Koolleejjii Meedikaalaa Barkumeetti ammoo maashinni Koobaas kuma 6800 jedhaman eebbifamuu ibsameera.
Maashinoonni kunneen guyyaan samuudaa kuma 3 fi kuma 1 fi 500 gaggeessuuf dandeetti kan qaban ta’uu himameera.
Qorannoo Covid -19, HIV, Hepitaayitas C, fiixee gadaameessaa fi dhibee biroo gageessuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.
Ministeerri Fayyaa dandeetti Laabraatoo biyyattii guddisuuf hojiilee adda addaa hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarra argame muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.