Fana: At a Speed of Life!

L/J Yilmaa Mardaasaan Walitti Qabaa Boordii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’an

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)- Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Walitti Qabaa Boordii Bulchiinsaa Daandii Qilleensaaa Ityoophiyaa ta’uun muudaman.

Leetenaal Jeneraal Yilmaan, waggoottan lamaan darban miseensa boordii daandichaa ta’uun kan tajaajilaa turan ta’uu daandichi beeksiseera.

Haaluma kanaan Walittii Qabaa Boordii duraanii Obbo Girmaa Waaqee bakka bu’uun Walitti Qabaa Boordii Daandichaa ta’uun akka tajaajilan muudamuu ragaan daandicharraa argame ni mul’isa.

Obbo Girmaa Waaqeen bara Faranjootaa 2022 eegalee Walitti Qabaa Boordii daandichaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.