Kuufamni Sibiilaa hedduun to’atame
Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqqii Qaallittii aanaa 7tti feerrowwan tajaajila ijaarsaaf ooluu qabu hedduun seeran ala kuufamee ture qabamuu ibsameera.
Koreen waloo Shira diinagdee ittisuu fi to’achuuf hundaa’e sibiiloota kanneen to’achuu ibseera.
Sibiiloonni gosti garaagaraa hedduun seeraan ala yeroo dheeraaf kuufamee turuu to’atamuu Itti Gaafatamaa Waajjira Daldalaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii obbo Taammiraat Muluugeetaa ibsaniiru.
Kutaa magaalichaatti kuufamni oomishaa qonnaa garaagaraa seeraan ala mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee argame gama shamattootaan kutaa hawaasaaf akka raabsamu taasiifamuun kan yaadatamuudha.
Magaalaa Finfinneetti hordoffiii fi sakattoo gaggeeffameen sibiiloonni akaakuun adda addaa Birrii biiliyoona hedduutti tilmaamamu to’atamuu ragaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.