Kuufamni nyaataa naannoo Tigraay jiru Jimaata dhufu ni dhuma – Sagantaa Nyaataa Addunyaa
Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Kuufamni nyaataa naannoo Tigraay jiru Jimaata dhufu kan dhumu ta’uu Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiise.
Naannoo Tigraayiitti namoota deeggarsa namoomaa barbaadaniif guyyaan konkolaattoonni 100 gara naannichaa galuu akka qaban Daayreektarri Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Biizliiy ibsaniiru.
Yeroo ammaa Konkolaattoonni deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaatan alaa fe’an 170 naannoo Afaar dhaabbatanii jiraachuu eeraniiru.
Konkolaattoonni kunneen socho’uu akka hin dandeenye Fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Naannichatti hanqinni midhaan Nyaataa muudachaa waan jiruuf konkolaattoonni kunneen akka socho’uun eeyyamuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.