Fana: At a Speed of Life!

Kutannoon gama hoggantoota siyaasaan jiru laafuun malaammaltummaan akka babal’atu taasisuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Malaammaltummaa Ittisuuf Kutannoon gama hoggantoota siyaasaan jiru laafuun gichichi akka babal’atu taasisuu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa beeksise.

Komishinichi mata duree “malaammaltummaa ittisuu keessatti ga’ee miidiyaalee” jedhuun magaalaa Adaamaatti waltajjii marii gaggeessaa jira.

Malaammaltummaa fi hojii maata badaa hanga ammaatti balleessuun kan dadhabame kutannoon gama hoggantoota  siyaasaan jiru laafaa ta’uu  komishinarri Komishinii Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Saamu’eel Urqaatoon ibsaniiru.

Malaammaltummaa ittisuun kan danda’amu ragaa fi beekumsarratti hundaa’uun qorannoo bal’aa gaggeessuun ta’uu dubbataniiru.

Hojii dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaatti aanee malaammaltummaan rakkoo cimaa Ityoophiyaa ta’uu waraqaa qorannoo waltajjicharratti dhiyaateen ibsameera.

Malaammaltummaan yakka amala addaa qabuu fi biyya miidhaa jiraachuu kaafameera.

Komishinichi malaammaltummaa dhabamsiisuuf yakkichi osoo hin raawwatiin dura ittisuurratti kan xiyyeeffate ta’uusaatiin miidiyaalee waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Waltajjii marichaarratti Daayrektara olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahaammad Indriis dabalatee hoggantoonni olaanoo miidiyaalee naannolee fi federaalaa, Gaazexeessitoonni, hoggantoonni dhaabbata Abbaa Gaar Federaalaa fi hoggantoonni olaanoon komishinichaa argamaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.