Kutannoo mootummaan hannaa fi hojiimaata badaa saaxiluuf agarsiise gara hojiitti hiikuuf kan hojjetamu ta’uu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Kutannoo mootummaan hannaa fi hojiimaata badaa saaxiluuf agarsiise gara hojiitti hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoo ibsan.
Hanna qindaa’aa fi hojiimaata badii saaxiluun sadarkaa olaanaarraa hanga caasaa gadiitti itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Komishinicha bilisaa, walabaa fi dhaabbata cimaa taasisuuf gurmaa’insasaa sakatta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Sirna ragaalee guddisuu fi dhaabbilee diimokiraasii waliin qindoominaan hojjechuun hojii itti aanu ta’uu kaasaniiru.
Adeemsi qabeenya galmeessisuu gara diijitaalaatti jijjiiramuu ibsaniiru.
Haylayyesuus Makonnintu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.