Fana: At a Speed of Life!

Kutaaleen Magaalaa Nifaas Silk Laaftoofi Araadaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015(FBC)-Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Kutaaleen Magaalaa Nifaas Silk Laaftoofi Araadaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuu ibsame.

Kutaan Magaalaa Nifaas Silk Laaftoon Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 21olitti tilmaamamu  taasiseera.

Kutaan magaalichaa sangoota 133, hoolota 133fi re’oota 67fi deeggarsa meeshaalee biroo taasisuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Kutaan Magaalaa Araadaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 21olitti tilmaamamu taasiseera.

Kutaan magaalichaa sangoota 50, hoolota 186, re’oota 22 fi deeggarsa nyaataa Birrii miiliyoona 16.4tti shallagamu taasisuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.