Kutaan magaalichaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Oromiyaaf deeggarsa meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 3.9tti tilmaamamu taasise
Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Kutaan magaalaa Lammii Kuraa Mana Barumsaa Bultii Addaa Oromiyaa magaalaa Bishooftuuf deeggarsa meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 3.9tti tilmaamamu taasisuu ibsame.
Deeggarsa jiraattootaa fi qonnaan bultoota irraa walitti qabe guyyaa har’aa dabarsee kennuu ibsameera.
Sirna walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti walitti qabaan boordii Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Daayrektarri Olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa Dajanee Itichaa, hojii raawwachiistuu olaantuun kutaa magaalaa Lammii Kuraa aadde Malaakee Alamayahu fi hoggantoonni biroon argamuu ragaan Kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.