Fana: At a Speed of Life!

Kutaan Magaalaa Boolee jiraattoota Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 taasise

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaan Magaalaa Boolee lammiilee godina Booranaa sababa jijjiirama qilleensaan hongeen saaxilamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 oltti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsi taasifame kun abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultoota kutaa magaalichaarraa kan walitti qabame yoo ta’u, deeggarsichis midhaan nyaataa fi marga hidhaa kuma 5 fi 820 waliigala Birrii miiliyoona 3.1 olitti kan tilmaamamu ta’uu ibsameera.

Deeggarsicha hoji geggeessituu olaantuu kutaa magaalichaa Aadde Alamtsaay Shiferraawuu fi komishinarri Komishinii Qonna Magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Baayyuu Shuguxee laachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.