Fana: At a Speed of Life!

Kutaan Magaalaa Aqaaqii Qaallittii dhiibbaa Qaala’insa jireenya salphisuuf proojektoota Birrii miiliyoona 57 eeggalchiise

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Kutaan Magaalaa Aqaaqii Qaallittii dhiibbaa Qaala’insa jireenya lammiilee jireenyaa gad aanaa jiraatan irra ga’u salphisuuf proojektoota guyyoota 30 keessatti xumuraman Birrii miiliyoona 57 eeggalchiiseera.
Proojektii ijaarsaa oomisha Daabboo 3 fi manneen jireenyaa harka qalleeyyii haaromsuu ta’uun himameera.
Ijaarsi Proojektoota kunneen gumaacha abbootiin qabeenyaa kutaa magaalichaa taasiisaan Birrii miiliyoona 57 kan raawwatamu ta’uu eerameera.
Hojii Raawwachiftuun kutaa magaalichaa aadde Habiib Siraaj dhaabbilee Proojekticha ijaaruuf fudhatan waliin waliigaltee taasisuun,ijaarsa isaa ifatti eeggalchiisaniiru.
Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.