Fana: At a Speed of Life!

Kutaaleen Magaalichaa deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 30 ol baasu Raayyaa Ittisaaf arjooman

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Kutaaleen Magaalaa Finfinnee deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 30 ol baasu Raayyaa Ittisaaf arjoomaniiru.

Kutaan magaalaa Kolfee Qaraaniyoo deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 14tti tilmaamamu deeggarsa taasiiseera.

Sangoota 171, Hooloota 302 fi meeshaalee nyaataa Birrii miiliyoona 14.1 baasu deeggarsa taasiiseera.

Kutaan magaalaa Gullallees sangoota 87, hoolootaa 200 fi meeshaalee galtee nyaataa biro Birrii miiliyoona 9.5 baasu deeggarsa taasiisuu ibsameera.

Akkasumas kutaan magaalaa Eekkaa Sangoota 64, Hooloota 186 fi meeshaalee galteewwan nyaataa biroo Birrii miiliyoona 6.9 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii kutaalee magaalaa kanneenirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.